• Tue. Jan 13th, 2026

Sa’uudii Arabiyaan Gaazaan keessatti gargaarsi akka dhiyaatuuf Israa’el irratti ‘dhiibbaa guddaan’ akka goodhamu gaafatte

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Sa’uudii Arabiyaan Jimaata kaleessaa gargaarsi dhaabbataan lammiilee Falasxiin Gaazaa keessa jiraanuuf akka dhiyaatuuf dhiibbaa guddaan Israa’el irratti akka ta’u yoo gaafattu, kunis kan dhaga’ame, erga Israa’el dhiyeessii namoomaa murteessaa ta’e Gaazaa akka hin seennef uggura keesseen booda.

Ministirri Dhimma Alaa Fayisal Bin Farhan, Kibba Turkii keessatti gita naannoo waliin walgahii erga taasisaniin booda, “Gargaarsa itti fufiinsa qabuu fi gahaa ta’e akka ta’u gochuuf dhiibbaa guddaan akka raawwatu nan gaafadha jedhan.

Jiraattonni Gaazaa kuma dhibbaan lakkaa’aman torban darbe keessa madda bishaan qulqulluu tokkitti qaban kan dhaban yoo ta’u, kunis erga dhiyeessiin bishaanii Israa’el irraa dhufu weerara waraana Israa’el haaromfameen  muramee booda akka ta’e aangawoonni bulchiinsa magaalaa naannoo sanaa himaniiru jechuun AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading