ONM- ABO Guraandhala 9, 2024
Murni bilxiginnaa maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa itti hidhuun waggoota darban irraa kaasee lubbuu uummata Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an Horroo Guduruu Wallaggaa fi bahaa Wallaggaa keessatti galafachuun hawaasa hedduus qe’ee isaanii irraa buqqa’uun ni beekama.
Guraandhala 7, 2024 bahaa Shaggar aanaa Booraa ganda Jirimee keessatti murni bilxiginnaa leelliftoota finxaaleyyii Amaaraa qubachiisuun hawaasa gidirsiisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti leelliftoota finxaaleeyyii Amaaraa kanaan meeshaa isiniif kennina waan kamiinuu isin waliin jirra, qaama kamiyyuu ganda kana keessatti yoo dubbate tarkaanfii barbachisaa irratti fudhadhaa jechuun uummata yeroo dheeraa waliin jiraachaa ture walitti buusaa jiru jechuun ibsan.
Dabaluun akka jiraattotni kunneen jedhanitti leelliftootni finxaaleeyyii Amaaraa kunneen murna bilxiginnaa irraa deggarsa argachuun uummata bahaaf gala dhorkuun uummata Oromoon isin WBOdha jechuun gidirsaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

