Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Istaab filannoo pirezidaantummaa Fiinlaand dhiphoodhaan injifate

ONM-ABO Guraandhala 13, 2024

Kaadhimamaa pirezidaantii Tumsa Biyyaalessaa Aleeksaandar Istaab filannoo pirezidaantii Fiinlaand Dilbata galgala gaggeeffame irratti sagalee dhiphoodhaan injifate.

Sagaleen hundi erga lakkaa’amee booda, Staab marsaa dhumaa irratti deggarsa dhibbeentaa 51.6 kan argate yoo ta’u, kaadhimamaa Independent Green, Peekaa Haavistoo ammoo dhibbeentaa 48.4 akka argate lakkoofsi Ministeerri Haqaa Fiinlaand baase ni mul’isa.

”Hojii kanaaf guyyaa tokko tokkoon waanan danda’u hunda akkan godhu waadaan gala,” jedhan Staab pirezidaantii Fiinlaand ta’uun erga mirkanaa’ee booda.

Miidiyaaleef yaada kan kennan Istaab akka jedhanitti, Fiinlaand amma bara haaraa seena jirti. “Ani sarara Niinisto itti fufuun barbaada, garuu barri haaraan jalqabuun isaa hubatamaadha,” jedhan.

Istaab Sahuli Niinisto bakka bu’uun Bitootessa 1 pirezidaantii biyya Noordii 13ffaa ta’uun kakata.

Hirmaannaan filattotaa dhibbeentaa 70.7 yoo ta’u, marsaa jalqabaa irratti dhibbeentaa 75 ture.

Istaab nama ganna 55 yoo ta’u, miseensa paarlaamaa Awurooppaa, miseensa paarlaamaa Fiinlaand, muummicha ministeeraa Fiinlaand, ministeera dhimma alaa fi itti aanaa daayreektaraa olaanaa Baankii Invastimantii Awurooppaa ta’uun hojjechaa turan. Digirii Ph.D qaba. siyaasa idil-addunyaatiin kan beekamu yoo ta’u, afaan Siwiidin, Fiinlaandii, Ingiliffaa, Faransaayii fi Jarmanii kan dubbatudha.

Filannoon pirezidaantummaa Fiinlaand waggaa jaha jahaan gaggeeffama. Filannoon kun sagalee uummataan kallattiin gaggeeffama. Kaadhimamtootni sagal bara kana Amajjii 28 marsaa jalqabaa irratti kan dorgoman yoo ta’u, kanneen sadarkaa duraa lamaan gara marsaa xumuraatti darbaniiru jechuun Jiinuwaan gabaasee jira.

Exit mobile version