Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee aanota akka Gaasaraa, Sinaanaa fi Diinshoo keessatti horii gabaa baasnee gurgurachuuf maallaqa karoora hin qabne kaffalaa jirra jedhu jiraattotni

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Maallaqni biyyattii meeshaa waraanaa fi humna waraanaa qofarratti xiyyeeffatamee kan ba’aa jiru yoo ta’u, baayina waraana biyyattii keessa jiruun wal qabatee maallaqni kaffalamuuf dhabamuun murni bilxiginnaa saamicha hawaasaa irratti bobba’aanii jiru.

Haaluma kanaan godina Baalee aanota akka Sinaanaa, Gaasaraa fi Dinshoo keessatti namuu horii gurgurachuuf gara gabaa yoo geeffate maallaqa 300 hanga 500 hawaasa irraa saamaa jiru jechuun jiraattotni ONMtti himan.

Namni tokko horii tokko gurguratus dhiisus qarshii jedhame kana dirqamaan kaffalaa akka jiru ibsuun, akkasuma wantoota akka inshuuraansii fayyaa jedhuunis waggaa tokko kessaati yeroo lamaa fi isaa ol hawaasa irraa saamaa jirus jechuun dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version