ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Torban kana keessa qondaaltonni akka jedhanitti, lakkoofsi namoota sigiga lafaa Kibba Filiippiinsitti Onkoloolessa 6 mudateen du’anii gara 68tti ol guddachuu isaa ibsuun, carraan namoota lubbuun hafan dabalataa argachuu cufamuu isaa cimsanii ibsaniiru
Baraartoonni namoota 51 dabalataan achi buuteen isaanii dhabaman barbaadaa turaniiru.
Sigiggaannaan kun kan mudate lafa albuuda warqee bulchiinsa Davaayoo de Oroo Makkoo keessatti argamuun alaatti yoo ta’u, manneen jireenyaa fi konkolaattota hojjettoota dhaabbata albuudaa kanaa geejjiban awwaaleera.
Qondaalli balaa magaalaa Makkoo, Ariyeel Kaappooy akka jedhanitti, aanga’oonni xiyyeeffannoo isaanii barbaachaa fi baraarsaa irraa gara sakatta’iinsaa fi deebisuutti ni ceesisu jedhan.
Torban darban keessa roobni cimaan Davaayoo De Oroo rukutee lolaa fi sigiga lafaa uumuun maatiin mana isaanii irraa akka baqatan dirqisiiseera.
Ibsa Imbaasiin U.S. Filippiinsi magaalaa Maniilaa jiru baaseen, karaa Ejensii Misooma Idil-addunyaatiin hawaasa dhibee kanaan miidhamaniif gargaarsa namoomaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.25 akka kennu ibseera.
Ministeerri Ittisaa U.S. xiyyaarota fe’umsaa C-130 lamas hawaasa dhibee kanaan miidhamaniif nyaata geessuu fi gargaaruuf kenneera jechuun dabalee ibsuu miidiyaalee guyyaa har’aa gabaasaniiru.

