Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sigigaachuu lafaa Kibba imphaayerattii keessatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii gara 257’tti ol guddachuu fi 500 gahuu mala jedhe  UN

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Lakkoofsi namoota sigiga lafaa Wiixata darbe  kibba Itiyoophiyaatti mudateen du’anii 257 gahuun, fuulduratti gara 500 gahuu akka danda’u Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii UN OCHA’n Kamisa kaleessaa ibseera.

Namoonni balaa kanaan miidhaman 15,000 ol baqachuu ykn bakka sana gadhiisuu akka qaban UN OCHA’n gabaasa haalaa baaseen beeksiseera.

Sigigaannaa lafaa Kibba Imphaayerattii aanaa Gezee Gofaatti kan mudate Wiixata ganama waqtii roobaa gidduutti yoo ta’u, hanga walakkeessa baatii Adoolessaatti akka turu  ni eegama. 

Namoota miidhaman keessaa muraasni sigiga lafaa sadarkaa lammaffaa booda mudateen du’aniiru. Hedduun isaanii osoo lakkoofsa keessa hin galin hafan. 

Roobni waqtii darbee darbee roobu naannoolee biyyoota Baha Afrikaa tokko tokkotti sigiga lafaa lubbuu namaa galaafatu fidaa jira jechuun Shinuwaan gabaaseera.

Exit mobile version