Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti manguddoon abbaa maatii jahaa tokko hidhattoota sirnichaan mana isaatti ajjeefame

ONM-ABO Guraandhala 16, 2024

Oromiyaa keessatti dhiittan mirgoota namoomaa uwwisa miidiyaa Addunyaa jalaa dhokachuun murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gaagaa’ama lubbuu fi qabeenyaa dabalatee buqqqaatii hamaan raawwatamaa jira.

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-qixxee ganda Dagaagaa Baqoo iddoo addaa Gooroo Karkarroo jedhamutti guyyaa dheengaddaa Guraandhala 14, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Tulluu Lataa jedhamu abbaa maatii jahaa hidhattootni sirnichaa mana isaatti itti dhaquun rasaasaan tumanii ajjeesuu jiraattotni ibsan.

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti obbo Tulluu Lataa nama siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi nama hojii qonnaan maatii isaa guddifatu ta’uu ibsuun, gochoonni uummata nagaa irratti hidhattoota sirnichaan raawwatamaa jiru kun uummaticha lafa irraa qurxummii balleessuuf dursa galaana gogsuu qaban jedhan sana dhugoomsuuf itti jiraniidhas jedhan jechuun dubbataniiru.

Exit mobile version