Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti daa’imni ganna 12 waraana faashistii PP’n yoo ajjeefamu, Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu keessattis qonnaan bulaan tokko ajjeefamuu fi saamichis waraana PP’n raawwate

ONM-ABO Guraandhala 17, 2024

Kabajni mirga namoomaa impaayera Itoophiyaa keessatti dhibuun osoo dhaabbileen mirga namoomaa adda addaa jiranii ilmaan Oromoo waraana Naatoo namaaf hin qabneen yakka tokko malee maqaa WBO deggerta jedhuun lubbuun obba’aa jira.

Akkuma kanaanis godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa ganda Ushaa bakka addaa qomaa jedhamu keessatti Guraandhala 13, 2024 daa’imni ganna 12 kan maqaan isaa nun geenye tokko waraana PP’n ajjeefamuu fi manneen jiraattotaa 8 ibiddaan gubachuun beekame.

Oduuma ajjeechaan wal qabatuun godina Baha Wallaggaa aana Eebantuu ganda Dongoroo bakka addaa kalaalaa jedhamuun waamamutti qonnaan bulaa maqaan isaa waaqoo Fayyisaa jedhamu abbaa daa’ima 7 kan ta’e Guraandhala 15, 2024 rasaasa sadiin rukutamuun akka ajjeefamee jiraattotni ONMtti himan.

Dabalataanis namoota maqaan isaaniii Qana’aa Baay’imii fi Fiqaaduu jedhaman loltonni kunneen harka isaanii duubatti hidhuun qabeenyaa isaanis erga saamaniin booda fuudhanii akka deeman dabaluun himaniiru.

Exit mobile version