ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii naannoo Bataskaana Gabireeliitti namoota magaalaa Muggii irraa meeshaalee bitatanii gara ganda Waabaa Eebbaatti galaa turan saaman.
Waraanni Abiy daandiitti ba’uun qawwee itti qabanii maallaqaa fi meeshaalee irraa dhuunfatan.
Namoota saamichi kun irratti raawwate jiraattota ganda Waabaa Eebbaa yoo ta’u, isaan keessaa tokko maqaan ishee Hawwii Yooseef ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

