ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Kaaba olka’aa Paapuwa Niwu Giinii keessatti jeequmsa gosaatiin yoo xiqqaate namoonni 64 kan ajjeefamuu gabaasni miidiyaalee ibse. Ajjeechaa kanas, poolisiin tokko seenaa dhiheenya biyya Paasifikii keessatti “isa guddaa” jechuun ibseera.
Gaazexaan Poost-Kaawutiyeer jedhamu poolisii naannoo sanaa wabeeffachuun akka jedhetti, ajjeechaan kun Dilbata barii kutaa Engaa Aanaa Wapenamanda keessatti eegale.
Gosoota Ambulin fi Sikin akkasumas michoota isaanii hirmaachisuun isaaniiru.
Poolisiin hanga Wiixata har’aa ganamaatti reeffa namoota gara 64 ta’an qarqara daandii, margaa fi tulluu Wapenamanda irraa akka baasan Poost-Kaawutiyeeritti himeera.
Gareen wal dorgoman lola kana keessatti “qawwee humna guddaa qabu”, kan akka qawwee AK47 fi M4 fayyadamuu isaanii gaazexaan kun gabaaseera. Lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u eegamaa jira jechuun dabalee ibseera.
Dhaabbanni Biroodkaastii Awustiraaliyaa (ABC) akka jedhetti jeequmsi kun gosoota bara darbe bulchiinsa Engaatti wal dhabuun lubbuun namoota 60 galaafate kan hirmaachise ta’uu ibseera.
Dhaabbanni oduu AFP akka jedhetti poolisiin viidiyoo fi suuraa bakka sanaa kan argate yoo ta’u, reeffa uffata isaa irraa baafamee fi dhiigaan guutame karaa cinaa ciisee konkolaataa fe’umsaa diriiraa dugda irratti tuulamee ture.
Magaalaa guddoo Poort Moresbey keessatti mormitoonni mootummaa Muummicha Ministeeraa Jeems Maaraan loltoota dabalataa naannoo sanatti bobbaasuu dabalatee tarkaanfii ariifataa akka fudhatan gaafataniiru.
“Mootummaan jeequmsa bu’aa hin qabne kanaaf hoo’isuuf qawwee fi rasaasni eessaa akka dhufu hatattamaan akka garee qoratu akka hundeessu gaafanna,” jechuun ibsa kennaniin dabalaniiru jedha Poost-Kaawuriyeer.
Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaanis yaaddoo isaanii ibsaniiru.
”Kan oduu Paapuwa Niwu Giinii keessaa ba’e baayyee nama jeeqa,” jechuun gaaffii fi deebii raadiyoo Wiixata har’aa taasisaniin dubbataniiru.
“Keessattuu poolisoota leenjisuu fi nageenya Paapuwa Niwu Giiniif deeggarsa guddaa kennaa jirra jechuun isaanii Aljazeeraan gabaaseera.

