ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uggura Lagannaa Gabaa fi Geejjibaa marsaa 2ffaa Amajjii 28, 2024 galgala sa’a 12:00 irraa qabee hanga Guraandhala 2tti geggeesseen raafama dinagdee fi siyaasaa akkasumas yaaddoo barcuma siyaasaa mooraa faashistii PP irratti uumee jira.
Uggura uummata Oromoo golee cufaa hirmaachise kana irrattis Qeerroon Bilisummaa Oromoo milkii fi gufuulee jiran ilaaluun wantoota uggura jalatti hafuun akka magaalaa Finfinnee hin seenne adda baasuun ifoomsee ture.
Ammas hojii gama ugguraan jiran gilgaaluun wantootni akka magaalaa Finfinnee hin seenne dhorkaman har’a Guraandhala 23, 2024 galgala sa’a 12:00 irraa qabee akka eyyamame Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen beeksisee jira.
Uummatni Oromoo fi sabaa fi sablammiin akkasumas abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistoonni, qonnaan bultootni fi daldaltootni dhimma kana waliin wal hidhattan ibsa ba’e kanaan booda uggurri kamuu ammatti akka hin jirre akka hubattan jechaa fuulduratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala siyaasaa fi yeroo hubannoo keessa galchuun uggura marsaa biroon waan deebi’ee dhufuuf uummatni keenya qophaa’aa jechuun ibsichi ni addeessa.
Sochii Diddaa Uummataa marsaa 2ffaa kanaan murni bilxiginnaa sadarkaalee waajjiraalee, biiroolee, tikaa fi waraanaatti waltajjii taa’uun walitti dheekkamaa fi gaaffii eenyuutu biyya bulchaa jira jedhu kaasuun wal qorachaa turuun ni yaadatama.

