Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Roobii darbe Amajjii 3,2024 irraa qabee hojii irra ture har’a galgala Amajjii 7 sa’a 12:00tti ni dhaabbata

Xumura Labsa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Namni kamuu seera dabaa, sarbamiinsa mirga namoomaa fi bulchiinsa abbaa irree irratti diddaa agarsiisuuf mirga akka itti qabu seerotni idil addunyaa, hayyootni fi falmitootni mirga namoomaa ni ibsu. Uummatni Oromoo cunqursaa bara irra darbee jaarraan lakkaa’uu eegale kana jala ba’uuf sochii hidhannoo fi warraaqsaa geggeessuun sirnicha laffisee warreen yeroo sanatti aangoo of harkaa qaban lafa isaan dhufanitti galchus abbaan irree bira maqaa Oromoon daldalu qabsicha butee miidhaa Oromoon baroota darban hin agarree, waggoottan shanan darban kana akka irra ga’u taasise,  har’as irraa hin dhaabbatin  jira.

Kana bu’uura godhachuun qabsoo uummatni Oromoo taasisaa jiru jabeessuuf, rakkoon Oromoon keessa jiru akka dhagaa’amu gochuu, uummata Oromoo deebisanii bifa tokkummeen diddaatti hiriirsuu fi galmii qabsoo sabichaa akka shaffisu taasisuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo Labsa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Kibxataa Amajjii 2, 2024 baasee Amajjii 3, galgala sa’a 12:00 irraa qabuun hanga har’a Amajjii 7tti bifa wal dhageettii, naamusaa fi hojii irra oolmaan isaa bareedaa ta’een hojii irra ooleera.

Diddaa Uummataa marsaa kanaan injifannoon gurguddoon gama tokkummaa uummataa fi hundee siyaasaa akkasumas diinagdee sirnichaa laaffisuun argameeen hawaasa Oromoo dheebuu bilisummaa qabanitti abdii yoo horu, mana bilxiginnaatti yaaddoo akkasumas lammiilee fi  biyyoota  alaa dhimma Itoophiyaa hordofan biratti ammoo “meerree mootummaan” jechiseera. Humni uummata Oromoo sirnicha bakka kaasuu fi dhimmi Oromoo sirnaan hin furmu taanaan gaanfi Afrikaas ta’e impaayerattiin nagaa akka hin arganne akeekeera.

Labsiin kun uummata Oromoo irra turee akka hin miinee fi hin nuffisiisneef  Dilbata Amajjii 7, 2024 galgala sa’a 12:00 irraa jalqabee ka’uu isaa kabajamaa uummata Oromoo, mararfattootaa fi dhaabbilee miti mootummaaf ibsuu barbaanna. 
1. Hanga marsaa biraan koreen kun labsa biraa baasuutti sochiileen eyyamaman:

➢ Sochii uummataa
➢ Gabaa
➢ Daldala
➢ Geejjiba
➢ Dukkaana 
➢ Konkolaattota Ambulaansii fi NGO (miti mootummaa) dura uggura kana keessa hin jirre  yoo ta’u. 

2. Kanneen akkuma ugguramanitti turan ammoo:

➢ Midhaan
➢ Loon
➢ Re’ee 
➢ Hoolaa
➢ Kuduraa fi Muduraa 
➢ Albudoota Oromiyaa keessaa gara magaalaa Finfinnee fi naannoolee ollaa Oromiyaa deemanii dhorkaa dha.

3. Konkolaattota gara naannoolee ollaa Oromiyaa deeman

➢ Gambeelaa 
➢ Asoosaa
➢ Gara Uummattoota Kibbaatti
➢ Soomaalee
➢ Naannoo Amaara, daandii Kaaba Shaggar fi Agamsaa 
➢ Mooyaalee irraa Keeniyaa deemu 
➢ Dabra Birhaan geessu irraan qabeenyaan Oromoo kamuu ba’uu hin qabu.

Walumaagalatti waan Oromiyaa galu malee kan ba’u hin jiraatu. Kana keessatti abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistootni labsa kenname kabajuun nageenya keessanii fi qabeenya keessaniif eeggannoo tolchuun qabsoo bilisummaa Oromoof ga’ee keessan akka ba’attan dhaammanna!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo eegumsaa fi sakatta’iinsa daandii of eeggannoon akkasumas karaa nageenya keessan balaaf hin saaxilleen, hawaasa hin dararree fi naamusa qabuun akka raawwattan jenna. Qeerroo Bilisummaa Oromoo, uummatni Oromoo, sabboontotni fi mararfattootni qabsoo bilisummaa Oromoo hojii irra oolmaa labsiin kanaaf ga’ee keessan ba’attan hundi galatoomaa.

Hanqina hojii mudate sirreessinee cimina keenya gabbifannee, laafina keenya ciminatti jijjiirree irree keenya garboomsaa irratti jabeessuun marsaa itti aanutti karoora hojjechiisaa fi diina kokkee qabu qabannee dhiyaanna. Hanga sanatti uummatni keenya lafa jala of-qopheessaa nu eegu yoo dhaammannu, labsa keenya sababa fuula barruu (Facebook) nu jalaa guggubuu hammaataniif hanga daandii ittiin nu hordoftan dabalataa isiniif himnutti maxxansa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gama Telegram, TV, Facebook, Rumble fi Raadiyoo irraan darbu hordoftan dhaammanna.



Diddaa Uummataa, Bilisummaa Dhugaaf!

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Amajjii 7, 2024
Oromiyaa

Exit mobile version