ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Gareen maafi’aa PP Abiy Ahimediin hogganamu gadaa aangoo isaa dheereffachuuf loltoota isaa uummatatti bobbaasee qe’ee uummata Oromoo gooluu, saamuu fi namoota nagaa ajjeesuun cinaatti walitti dhukaasuun wal ajjeesuus jabeessanii jiru.
Akka kanaanis dheengadda Guraandhala 26, 2024 humni godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa magaalaa Liqixii fi magaalaa Qondaalaa maadheffate ganda Kollii Caarphaatti galgala keessaa sa’a tokkotti meeshaalee gurguddaan osoo hin hafne walitti dhukaasuun reeffaa fi madoo konkolaataan kaleessa ganama kaafachuun barameera.
Sababni walitti dhukaasanis sakatta’iinsa jechuun mooraa lachuu irraa ba’anii osoo deemanii yeroo wal bira ga’aniitti Waraana Bilisummaa Oromooti waliin jechuun akka walitti dhukaasan jiraattotni ni dubbatu.
Gocha irratti raawwate dhokfachuufis WBO waliin wal lolaa turre jedhanis, hawaasni garuu dhugaa jiru waan beekuuf holola isaan gadhiisan harkaa fudhachuu diduu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

