Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii keessatti jiraattonni guyyaa gara guyyaatti leenjii milishummaaf ukkaamfamaa jiraachuun dhaga’aame

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti sirni dimookiraasii barreeffama qofaan kan mul’atu, aadaan dimookiraasi fi kabajii ilmoo namaaf malu dhibuun bulchiinsi bilxiginnaa aangoo irra jiru abbaa irrummaa isaa jabeessee jira.

Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii keessatti dirqamaan namootni leenjii milishaaf guuramuu erga jalqabee guyyoota 15n lakkoofsisee kan jiru, namnuu umurii fi saalaan osoo hin fo’amiin humnoota waraanaa fi milishootaan manneen irra deemamuun ukkaamfamaa jiraachuun beekameera

Akkuma waliigala gandoota aanaa Daallee Sadiitti namootni butamuun hammaatee jiraachuu jiraattotni kan himan, dheengadda Guraandhala 28, 2024 ganda Caammoo irraa namootni maqaan isaanii: Raamataa Faantaa, Shuufaraa Ligaabaa, Iddoosaa Kabbadaa, Biqilaa Qusataa, Qabbannaa Ittaansaa fi namootni hafan biroon keessatti akka argaman jiraattotni ONMtti himaniiru.

Exit mobile version