Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii Keessatti waraanni faashistii PP namoota sadii ajjeesuun himame

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Sirna abbaa irree yeroo ammaa Impaayera Itoophiyaa bulchaa jiru bilxiginnaa biratti ajjeesuun aadaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, dhiigni ilmaan Oromoo kabajaa dhabuun waraanni cubbamaan ajaja Abiy Ayimad irraa fudhachuun bobbaafaman Oromiyaa guutuu keessatti du’a labsuun duguuggaa sanyii raawwachaa jiru.

Haaluma kanaanis godina Qellem wallaggaa aanaa Daallee Sadii ganda Oogiyoo Jaarroo Keessatti mudde 17, 2023 waraanni PP maqaa milishoota gaachana sirnaa ijaarra Jechuun aanaa irraa gara baadiyyaatti namoota funaanuu bobbaafaman jiraattota garii eega qabaniin booda, namootni hedduun fiiganii kan dheessan hogguu ta’u, namoota fiiganii dheessan keessaa dargaggoota lama Kan maqaan isaanii Iyyaasuu Jimaataa jedhamu barataa kutaa 11ffaa  fi dargaggoo Jaafar Korjee jedhamu qabuun namootni maaliif isin biraa dheessan Jechuun yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun akka ajjeesantu himame.

Dabalataanis godinuma Qellem Wallaggaa Keessatti jaarsa biyyaa nama maqaan isaanii obbo Seelemaan jedhamu badii tokko malee guyyaa dheengadda muddee 17, 2023 maatii isaanii biraa waraanni maafi’aa PP qabuun akka ajjeesanii fi godinicha Keessatti rakkoon mirgoota namoomaa jiraattota irratti akka qaqqabaa jirus maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif yaada isaanii qoodaniiru.

Exit mobile version