Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti namoota gabaa keessaa waraanummaaf yoo qaban, aanaa Jaarsoo keessatti ammoo waraanni PP rifeensa namtolchee mataatti uffachuun WBO of fakkeessanii uummata ajjeesaa jiru

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Gareen waraana faashistii PP Sanbata darbe Bitootessa 2,2024 uummata godina lixa Wallaggaa aanaa Begii gabaa magaalaa Begii dhaqan humnaan gabaa keessaa qabuun waajjira poolisiitti geessan.

Namootni marsaa tokkoon gabaa keessaa qabaman kun namoota gara 300’tti lakkaa’aman yoo ta’an, namootni kunneen leenjii waraanummaaf akka fe’amuuf jiran firoonni badii isaan ittiin hidhaman gaafachuuf dhaqan adda baafataniiru.

Namoota qabuun kun Jimaata darbes aanicha bakkoota addaatti geggeeffamaa akka tures barameera.

Ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii hanga kana ta’e kun bakkoota adda addaa irraa haajaa isaaniif gabaa dhaquun qabamuu isaanii kan ibsan jiraattotni, maatiin isaanii manaa ni galu jedhanii eegaa jiran biratti gadda cimaa dha jedhan.

Akkasuma gareen ajjeesaa bilxiginnaan tooftaalee garaa garaa kalaquun uummaticha ajjeesuu kan itti fufan yoo ta’u, lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti Waraanni Bilxiginnaa rifeensa namtolchee mataatti godhachuun dargaggoo Malkaamuu Tashoomaa jedhamu afaan Oromoon dubbisuun moonaa bilxiginnaa rukkutuu barbaannaa itti nu geessi jechuun doorsisanii fuudhanii deemuu dubbatu.

Aanaa Jaarsoo ganda Xuuquu sadan keessaa Bitootessa 1, 2024, gara qeerroo kanaa deemuun nuti reefuu gara kana dhufaa jirra, kaampii diinaa aanaa Jaarsoo kan gabaa dafinoo rukutuu feenaa nu geessi, yoo didde ammoo si ajjeesna jechuun fuudhanii erga deemanii booda, mucaan sodaadhaan kaampii erga itti argisiiseen booda, fudhatanii kaampiitti ol seenuun halkan tokko reebaa erga bulaniin booda, Bitootessa 2, 2024 kaampii keessaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan.

Maatiin reeffa mucaa isaanii fudhachuuf yeroo deemanitti, uleedhaan reebanii erga ari’anii booda, reeffa mucaa achuma kaampii isaanii biratti awwaaluu maddeen keenya Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version