Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Miyoo keessatti Milishaan Sirnichaa dargaggeessa tokko ajjeesuun tokko madeessuun himame

ONM-ABO Bitootessa 8, 2024

Sirnicha teessoo irra bubbulchuuf ilmaan Oromoo haala suukkaneessaan ajjeefamuu akka qabanitti kan amanu Sirni bilxiginnaa, Kibba Oromiyaa godina Booranaa, aanaa Miyoo keessatti dargaggeessa tokko haala suukkaneessaan ajjeesuu maddeen keenya himan.

Bitootessa 5, 2024 milishoonni PP godina Booranaa aanaa Miyoo, magaalaa Hiddii Lolaa keessatti dargaggoo Qallaa Abduubaa jedhamu uleen mataa irra rukutuun doqdoqqee irraa erga buusaniin booda, lafatti tumanii ajjeesaniiru.

Oduuma wal fakkaatuun aanaama Miyoo keessatti dargaggeessa tokko milishoonni doqdoqqee irratti rasaasa 7’n rukutuun du’aaf jireenya gidduu jiraachuunis beekameera. Dargaggoon kun maqaan isaa Jaldeessa Turaa kan jedhamu yoo ta’u, milishoonni sirnichaa bakka Miyoo jedhamutti gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun du’eera jedhanii gatanii akka deeman jiraattonni dubbatu.

Dargaggoonni lameenuu hojii doqdoqqeen ofii fi maatii isaanii kan jiraachisan yoo ta’an, hirmaannaa siyaasaa keessaa akka harka hin qabne jiraattonni himaniiru.

Ajjeefamuu dargaggoo Qallaa Abduubaan wal qabatee, jiraattonni magaalaa Hiddii Lolaa hiriira nagaa ba’uun sagalee isaanii dhageessifataa kan turan yoo ta’u, mootummaanis Bitootessa 7, 2024 hawaasicha walitti qabuun sossobaa akka ture jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version