Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa aanaa Miyoo keessatti dargaggoon tokko waraana sirnichaan yoo ajjeefamu lama madaa’an

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024 

Sirnoonni dhufaa darbaan jiraachuu uummata Oromoo hin feene akkasumas dachee irraa uummaticha dhabamsiisuu barbaadan dhaalmaa abboota darban irraa dhaalaniin har’as dachee abbaa isaanii irratti hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan ajjeefamaa oolu.

Haaluma kanaan godina Booranaa aanaa Miyootti  Fulbaana 19, 2024 hoogganaan bulchiinsaa fi nageenyaa ganda Dibaandibaa Jaatanii Galma Dharriitoo namni jedhamu dargaggoota sadii jiraattota aanaa Miyoo ganda Dikichaa fi Kuroo Qanxallaa ta’an  dargaggoota jireenya isaanii fooyyeffachuuf oliif gadi deemuun doqdoqqee hojjetan rasaasa itti roobsuun nama tokko battalumatti yoo ajjeesan, namoota lama immoo miidhaa qaamaa cimaa irraan ga’uu jiraattonni himan.

Dargaggoon maqaan isaa Qaallicha Galgaloo Galmaa jedhamu battalatti yoo ajjeefamu, Shamaa Waariyoo fi Waariyoo Boruu Waariyoo ammoo miidhaa cimaan irra gahuun haala yaadessaa keessa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Waariyoo Boruu Waariyoo jiraataa ganda Kuraa Qanxallaa yoo ta’u sanumaan wal qabatee uummatni aanaa Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti hiriira bahuun yeroo gochaa kana balaaleffatanitti waraanni Bilxiginnaa uummata hiriira bahe irratti reebicha raawwachuun namoota kudhan irra miidhaan qaamaa yoo ga’u namoonni shan caccabuun miidhamanii jiraachuun barameera.

Yeroo hedduu gochi suukkanneessaa fi gara jabummaan akkanaa kun irra deddeebiin aanicha keessatti kan raawwatamu ta’uu dubbachuun, gochoota akkasiis cimsanii akka balaaleffatan  jiraattotni aanaa Miyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version