Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa aanaa Miyoo keessatti labsa uggura doqdoqqee fi sochii namaa taasisuun dhagaa’ame

Godina Booranaa aanaa Miyoo keessatti labsa uggura doqdoqqee fi sochii namaa taasisuun dhagaa’ame.

ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Murni bilxiginnaa sodaa aangoo isaatiif qabu irraan kan ka’e sochii hawaasaa fi kanneen biroo ugguruun diddaa uummataa fi tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhachaa jiru ittisuu carraaqqii taasisa.

Muddee 27, 2022 irraa eegalee murni bilxiginnaa godina Booranaa aanaa keessatti sochiin doqdoqqee ji’a ja’aaf akka ugguramu ta’ee jira.

Kana malees hawaasni galgala sa’a 12:00 irraa qabuun daandii gubbaa irraa galuun mana akka turu qajeelfama dabarsan.

Haala kanaanis hawaasni magaalaa Hiddii Lolaa dabalatee naannoo ishee jiru rakkoo dhuunfaa isaaf, dhukkubaa fi da’umsa dubartoota halkan mudatuuf yaaddoo keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Godina baha Harargee aanaa Haramaayaa fi Malkaa Bal’oo keessatti waraanni fi kaabinootni murna bilxiginnaa dararaa hammeessanii jiraachuun ibsame.

ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Godina baha Harargee aanota garaagaraa keessatti hidhaa, saamichaa fi doorsisa akka meeshaa siyaasaatti uummata nagaa irratti fayyadamuun miidhaa geessisaa jiru.

Godinichuma aanàa Haromaayaa araddoota addaa keessatti saamichii fi reebichi uummata nagaa irratti raawwataa jira.

Araddoota aanichaa keessaa araddaa Gobbee Salaamaa fi Daamotaa keessatti gochi kun hammaachuu maddeen himu.
Waraana bilxiginnaa waliin ta’uun araddaa Gobbee Salaamaa irraa bulchaa araddichaa Zaakir Sayidii fi araddaa Daamotaa irraa bulchaan araddichaa Riyaad jedhamu hawaasa Oromoo cufa rakkisaa jiraachuu dubbataniiru.

Bahuma Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessattis dararaan murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti raawwatu kan hammaate yoo ta’u reebichaa fi hidhaa geggeessaan malee maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun bara kanas qarshii 410 uummata yaala tokko hospitaalas ta’e buufata fayyaa irraa akkaataa qajeelfama inshuraansii fayyichaatti argachaa hin jirre irraa guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina baha Harargee himaniiru.

Exit mobile version