Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamaniin lubbuu namaa fi qabeenyaa hedduun baduun beekame

ONM-ABO Bitootessa 11, 2024

Akkuma abboota isaanii darbanii afaan tokko, aadaa tokko, biyya tokko fi amantii tokko ijaaruu warreen barbaadan leellistoonni Faannoo duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiraniin lubbuun uummata Oromoo fi qabeenyi hedduun baduun barbaada’ee jira.

Akkuma Walloo kaasanii hanga Wallaggaatti hidhattootni kunneen ajjeechaa hanga hidhaa fi saamichaa erga murni bilxiginnaa aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee raawwachaa turan gara kaaba Shaggar aanaa Darraattis ajjeechaa, saamichaa fi mancaatii raawwachaa turuu jiraattotni himan.

Leellistoonni kunneenis ganda Iluu Goda Caffee iddoo Baalla jedhamutti namoota maqaan isaanii Ahimed Siraaj fi Shaafii Birruu kanneen jedhaman ajjeefamanii jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Akkasumas gandichuma keessaa qabeenyaa uummataa biqiltuu Mangoo, Burtukaanaa 500 ol, midhaan gosa adda addaa gubanii barbadeessuus himan.

Akkasuma gaafa Bitootessa 7, 2024 ganda Warree Mankaataa fi Jirruu Daalattii ganda 2 guutuu ibiddaan barbadeessanii jiru.

hidhattoota faannoo magaalaa Sararkullaa, Cheqaa, Saalash, bulchiinsa aanaa Darraa obbo Shibeshii Ayyaaloo fi bulchiinsaa fi nageenya Allabbaachoo Haayile Maariyaam sanyiin isaanii Amaaraa ta’uus jiraattotni himan.

Hidhattootni kunneenis kallattii sanaan marsanii duula aanichatti gochuuf qophii irra jiru jechuun jiraattotni dabaluun dubbachuun qaamni biyyan bulcha jedhu hidhattoota kana ofii isaaf waan hundeesseef callisee uummata harka duwwaa irratti ilaalaa akka jiranis dabaluun ibsan.

Exit mobile version