ONM-ABO Bitootessa 11, 2024
Kaaba dhiha Naayijeeriyaa keessatti barattoonni 280 ol mana barumsaa irraa butamanii barbaadamaa osoo jiranii guyyoota muraasa booda namoonni hidhatan barattoota 15 mana barumsaa bultii irraa butaniiru.
Namoonni kunneen Sanbata darbe mana barumsaa amantii Islaamaa godina Sokotoo ganda Gidaan Bakusoo jedhamu cabsanii seenuun daa’imman 15 osoo rafanii to’achuu poolisiin dhaabbata oduu The Associated Press’tti himeera.
Hogganaan mana barumsaa kanaa Limaan Abubakar akka jedhanitti barattoonni kunneen umriin isaanii waggaa saddeet hanga 14 gidduutti argamu.
Dubbi himaan poolisii Sokoto Ahimed Rufaayi AP’tti akka himanitti, dubartiin tokko ganda fagoo kana irraas butamuu ishee fi barattoota kana barbaaduuf gareen tooftaa poolisii bobbaafamuu ibsaniiru.
Dhuma torbee darbee booda, kaaba Naayijeeriyaa keessatti namoota 200 ol ta’an, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman, loltoota shakkamaniin bulchiinsa Bornoo keessatti butamanii as taatee sadaffaadha.
Kamisa darbe barattoonni 287 mana barumsaa mootummaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kutaa biyyaa Kadunaatti booji’amaniiru.
Butamni Sanbata darbe kun kan raawwatame yeroo mootummaan Naayijeeriyaa daa’imman 287 Kamisa darbee Kuriiga kaaba dhiha bulchiinsa Kaaduunaatti butaman kan waggoota sadii keessatti jumlaan butamuu guddaa ta’e barbaachuu fi baraaruuf duula labseen booda ta’uu Aljazeeraan gabaasee jira.

