ONM-ABO Bitootessa 12, 2024
Bulchiinsa Indooneezhiyaa Sumaatraa Dhihaa keessatti lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 26 kan galaafatame yoo ta’u, yoo xiqqaate namootni 6 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu qondaaltonni Wiixata kaleessaa beeksisaniiru.
Riqichi, manneen barnootaa, lafti qonnaa hektaara 113 fi manneen gara 700 ta’an rooba cimaa Kamisa irraa eegalee roobeen miidhamuu dhaabbati balaa biyyattii (BNPB) beeksiseera.
Mul’anni naannoo balaa kanaan miidhame irraa argame manneenii fi manneen daldalaa lolaa roobaa kanaan miidhaman, akkasumas kutaalee daandii dhoqqee qabu kan laga itti aanutti jige, ykn mukeen kufanii faca’an agarsiisa.
Hoogganaan BNPB tattaaffii qindoominaa fi madaallii akkasumas maallaqa gargaarsa hatattamaa raabsuuf Wiixata kaleessaa magaalaa guddoo bulchiinsa kanaa Paadaang ga’eera.
Naannichatti yoo xiqqaate namoonni 39,000 lolaa fi sigiga lafaatiin kan miidhaman yoo ta’u, 26 du’uun, 11 ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu BNPB ibsa Wiixata kaleessaa baaseen beeksiseera.
Hogganaan dhaabbata barbaachaa fi baraarsaa Indooneezhiyaa kutaa Sumaatraa Dhihaa Abdul Maalik lakkoofsa namoota achi buuteen isaanii dhabaman jaha akka ta’e ibsuun, isaan argachuuf Wiixata kaleessaa tattaaffii eegaluu isaanii ibsaniiru.
Dunkaana, waan irra ciisan, meeshaalee bishaan qulqulleessan, nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa dabalatee paakeejiin gargaarsaa dhibbi shan raabsamaa akka tures himaniiru.
Roobni dabalataa waan eegamuuf, lolaa fi sigiga lafaatiin miidhaan dabalataa akka malu ejensichi akeekkachiiseera.
Yeroon roobaa Indooneezhiyaa baatii Amajjii keessa kan jalqabe yoo ta’u, ejensiin meetirooloojii BMKG kurmaana jalqabaa keessa keessumaa odola Jaavaa fi Sumaatraa irratti olka’iinsa olaanaa akka qabu tilmaamee ture jechuun Rooyiters gabaaseera

