Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Hindiitti sigiga lafaa Himaalaayaan lubbuun namoota 4 galaafatamuun, namoonni 50 ammoo achi buuteen isaanii dhabame

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Kibxata kaleessaa bulchiinsa Himaalaayaan kaaba Hindii keessatti ganda tokko erga mudateen booda dhoqqee guddaa fi lolaa cimaa mudateen yoo xiqqaate namoonni afur kan du’an yoo ta’u, namoonni 50 ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Taatee kun kan raawwatame kutaa biyyaa Uttirakhand ganda Daraalii jedhamtu keessatti ta’uu broodkaastiin biyya keessaa India Today gabaaseera.

Aangawoonni waraana Hindii hojii baraarsaaf bobbaasuuf ariifataniiru.

Dhoqqeen kun “caccabaa fi bishaan akka tasaa qubsuma keessa akka yaa’u” kan kakaase ta’uu waraanni kun X irratti barreesseera.

Loltoonni battalumatti “socho’anii bakka balaan kun irra gahe ga’anii haala jiru madaaluu fi hojii baraarsaa hojjechuuf” jechuun dabaleera.

Mul’anni televijiinii bishaan lolaa manneenii fi daandii naannoo sana jiru tokko akka balleessu agarsiisa.

Muummichi ministeeraa bulchiinsa kanaa Pushkar Sing Daamii akka jedhanitti naannoo sanatti duumessi dho’eera.

”Aanga’oota olaanoo waliin yeroo hunda wal qunnamtii qabna, haalli jirus itti dhiyeenyaan hordofamaa jira,” jechuun X irratti dubbachuu Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version