Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseeensotni waraana bilxiginnaa 4 Humna Finxaalessaa Faannootti dabalamuuf osoo deemanii WBOn qabaman

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Godina baha Wallaggaa mooraa waraana faashistii PP aanaa Diggaa irraa miseeensotni waraana weerartuu Abiy Ahimed dhalootaan Amaara ta’an 4 humna finxaalessaa Faannootti dabalamuuf osoo deemanii dheengaddaa Bitootessa 10, 2024 karaatti WBO’n qabamanii jiru.

Miseensotni waraana goolessaa PP Faannootti dabalamuun ilmaan Oromoo ajjeessuuf deemaa turanii qabaman kun qawwee AKM 6, rasaasa 600, boombii 8 fi hidhannoo Afur qabatanii osoo socho’aa jiranii WBO’n odeessa qaruuxee fi tikaa akkasumas hawaasa irraa argateen booji’uu danda’ee jira.

Humnootni finxaalessaa Faannootti dabalamuuf deemaa osoo jiranii qabaman kun ajandaa hamaa Faannoon Oromoo irratti qabuu fi ilmaan Amaaraa waraana faashistii PP keessa ta’anii ilmaan Oromoo irratti akka hojjetan akkasumas meeshaalee fuudhanii fi achi keessatti ajjeechaa akka raawwataniif dirqamni itti kennamuu ibsan.

Hanga achi keessa turanittis dirqamoota adda addaa Faannoof akka ba’aa turan kan himan miseeensotni kun, nu malees warreen achi keessa jiran hedduun Faannoon olaantummaa bilxiginnaa irratti waraanaa fi siyaasaan akka argatuuf achi keessatti hojjechuu, meeshaa waliin baduu, jeequu hanga fottoqsuutti hojjechaa jirra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyatti himaniiru.

Waraana bilxiginnaa duraanii kana WBO’n erga booji’ee mirga hidhamaa waraanaaf taasifamu gochaafii jiraachuun barameera.

Exit mobile version