Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Doddotaa keessatti manneen 20 ol waraana faashistii PP’n gubate

ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024 Godina

Arsii bahaa aanaa Doddotaa ganda Balaalee iddoo addaa Daalota jedhamutti waraanni maafi’aa PP uummata nagaa jalaa mana jireenya 20 gubuun namoota 9 qabuun achi buutee dhabamsiisan.

Waraanni faashistii PP kun ji’a kabajamaa kan ta’e ji’a Ramadaanaa kanatti hawaasa nagaa sababa tokko malee waan Oromoo ta’an qofaaf Bitootessa 14,2024 gubaatii manneenii, saamichaa fi qabeenya isaa jalaa barbadeessuun hidhaas irratti raawwataniiru.

Warrootni manni jalaa gubate; Muussaa Kaliiloo mana 1, Kaliiloo Edoo mana 2, Jeeyiluu Huseen mana 2, Habiib Muktaaroo mana 1, Abdullaahii Abdallaa mana 3, Abdullee Tujjaaraa mana 1, Sulxaan Tujjaaraa 1, Xaahaa Muhaammad mana 2, Fayyoo gannaa mana 2, Sulxaan Tololaa mana 2, Urgeessoo Dhaqqaboo mana 2, Xaahaa Muhaammad 1 ta’uun barameera.
Warrootni achi buutee dhabamsiisiifaman ammoo Kaliiloo Eddoo, Kaabboo Dhaqqaboo, Aabbishuu Muhaammad, Xaahuu Golbichaa, Habiib golbichaa, Doftoree Golbichaa, Qaadii Ahimed, Xaahuu Asaaban, Huseen Mahaammad, Abdii Ahimed fi Abdallaa Fayyoo ti.

Godina Arsii aanaa Doddotaa kana dabalatee aanaalee adda addaa keessatti waraanni faashistii PP kun ajjeechaa dabalatee saamichaa fi gubaatii manneenii jabeessee itti fufee jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version