Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii bahaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti waraanni faashistii PP saamichaa fi gubaatii manneenii hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 16, 2024

Godina Gujii bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu keessatti waraanni maafiyaa PP maqaa sakattaa WBOtiin bobbaate Wiixata darbe Bitootessa 11, 2024 uummata nagaa saamaa fi qe’ee keessatti dararaa turuun barameera.

Namootni manneen isaanii ganda Utuluu keessatti jalaa gubate keessaa muraasni Qunqumaa Adulaa jalaa sa’a rimaa fi korbeeyyii re’ee 2 fudhachuun kan qalatan yoo ta’u, dabalataan manas jalaa guban.
Obbo Iyyaasuu Asaffaa jalaa korma loonii kan gabbisaa turee fi qarshii 80,000 olitti tilmaamamu jalaa qalatanii kan nyaatan yoo ta’u, Midhagaa Bobbaasaa jalaa re’ee 2 jalaa qalataniiru.

Waraanni faashistii PP kun obbo Mikaa’el Shaaggitoo jalaa re’ee 2, Saafayii Gammadaa jalaa korbeessa tumaalessa qarshii 10,000 tilmaamamu jalaa fudhachuun jalaa qalatan.
Shundhaa Bullaallaa jalaa re’ee 2, Luba Iyyoob Busaawaa jalaa Indaaqqoo 62 kan qalatan yoo ta’u, Mikaa’el Asaffaa jalaa doqdoqqee tokko jalaa fudhaniiru.

Murni faashistii PP maqaa sakattaa WBOn bobbaa’an aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluu keessatti torbee kanaa saamichaa fi gubaatii manneenii geggeessaniin alattis namoota nagaa ajjeesuun barameera.

Exit mobile version