ONM-ABO Bitootessa 19, 2024
Gareen maqaa Humna Tokkummaa Oromoo jedhuun of moggaase xalayaa labsii lagannaa gabaa fi uggura geejjiba jedhu baasuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun burjaajii uumaa jiraachuu Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo argee jira.
Labsii kana gareen kun Bitootessa 24 bara 2024 irraa eegalee wantoota akka gabaa, geejjibaa fi bishaan magaalaa Finfinnee irraa kutuu kan jedhuun baasanis labsii bu’uura hin qabnee fi haala ittiin hojjetamaa jiru kan faallesse akkasumas hawaasa burjaajessuuf kan ba’e ta’uu Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo yaada Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodeen ibseera.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo labsii Guraandhala 3 Lagannaa fi Uggurri ka’uu baase keessatti fuula dura kanatti haala qoratee bifa jabaa ta’een gadi akka dhufu ibsuu isaa yaadachisuun, hanga koreen kun labsii isaa karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gadi baasutti ibsi amma Humna Tokkummaa Oromoo jedhuun ba’es ta’e kanneen biroon ba’an yoo jiraatan QBO biraa akka hin taane hawaasni keenya hubachuun akka hin burjaajofne dhaammanna jedhan.
Qaamotni qabsoo bilisummaa Oromoo burjaajessuu fi qabsoon hoggansa tokko jalatti akka hin hitinneef bakka cufatti hojii baxxeltanii fi kanneen hojii diinummaa fakkeessiin hojjettan irraa akka ofi qusattan jechuun labsiin lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa ammatti akka hin jirre ibsaniiru.

