Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gareen hin beekamne maqaa Humna Tokkummaa Oromoo jedhuun Lagannaa Gabaa fi Uggura geejjibaa waame Qeerroo Bilisummaa Oromoon akka hin taane ibsame

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Gareen maqaa Humna Tokkummaa Oromoo jedhuun of moggaase xalayaa labsii lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa jedhu baasuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun burjaajii uumaa jiraachuu Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo argee jira.

Labsii kana gareen kun Bitootessa 24 bara 2024 irraa eegalee wantoota akka gabaa, geejjibaa fi bishaan magaalaa Finfinnee irraa kutuu kan jedhuun baasanis labsii bu’uura hin qabnee fi haala ittiin hojjetamaa jiru kan faallesse akkasumas hawaasa burjaajessuuf kan ba’e ta’uu Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo yaada Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodeen ibseera.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsii Guraandhala 3, 2024 Lagannaa fi Uggurri ka’uu baase keessatti fuula dura kanatti haala qoratee bifa jabaa ta’een gadi akka dhufu ibsuu isaa yaadachisuun, hanga koreen kun labsii isaa karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gadi baasutti ibsi amma Humna Tokkummaa Oromoo jedhuun ba’es ta’e kanneen biroon ba’an yoo jiraatan QBO biraa akka hin taane hawaasni keenya hubachuun akka hin burjaajofne dhaammanna jedhan.

Qaamotni qabsoo bilisummaa Oromoo burjaajessuu fi qabsoon hoggansa tokko jalatti akka hin hitinneef bakka cufatti hojii bexxeltanii fi kanneen hojii diinummaa fakkeessiin hojjettan irraa akka of qusattan jechuun labsiin lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa ammatti akka hin jirre ibsaniiru.

Exit mobile version