ONM-ABO Bitootessa 26, 2024
Impaayerri Itoophiyaa hammeenyaan guutamuun yaadaa fi kaayyoo uummatummaa hin qabne baroota dabran irraa eegalee hanga har’aatti madda salphina uummata Oromoo taatee itti fuftee jirti
Yeroodhaa yerootti namoota nagaa homaa keessaa harka hin qabne ajjeechaa sukkanneessaa ta’een dhabamsiisuun gara jabummaa uummata Oromoo irratti qaban agarsiisaa kan jiru murni bilxiginnaa Bitootessa 19, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beengu’aa keessatti dargaggoo Toomaas Eliyaas jedhamu ajjeesuun reeffa maatii dhorkatanii bineensa akka nyaachisan beekameera.
Dargaggoon murna bilxiginnaan ajjeefame kun dhalootaan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii bakka addaa Daakkoo jedhamu yoo ta’u, hojiidhaaf gara naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessa osoo jiraatuu waraana faashistii PP’n akka qabametu himama.
Toomaas yakka hojjete qabaatee osoo hin taane sababa Oromummaa qofaaf waraana gara-jabeeyyii koloneel Abiy Ahimed itti baaseen akka ajjeefamee fi murtii seeraa tokko malee ajjeechaan irratti akka darbes jiraattonni yaada isaanii ONM’tti himaniiru.

