Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu Keessatti hidhaa fi gudeeddii hammeessan

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Sirni cubbamaan uummata Oromoo irratti jal’ina daangaa darbe hojjechuun beekamu murni Bilxiginnaa, shamarranii fi hayyoonni Oromoo, jaarsaa fi dargaggoonni waan ittiin qorqalbii caban xiyyeeffachuun guyyaa guyyaatti gochoota safuu hawwaasichaa faallessan dalaguu irratti hojjechuu hojii idilee taasifatee jira.

Haaluma kanaan humni shiftaa kanneen koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Waankii keessatti Sadaasa 15, 2024 namoota gabaa dhaqanii fi magaalicha keessa jiraatan karaatti ba’uun keessaayuu shamarran qabanii karaarraa maqsuun gudeedaa turan.

Gareen faashistii PP’n bobbaafaman kun sodaa tokko malee wal faana shamarran baay’inaan shan ta’an kanneen maqaan isaanii akka dha’amu hin feene daandii irraa maqsuun gudeeddii irratti raawwatanii jiraachuu jiraattonni ONM’f himan.

Oduu hidhaan ammoo guyyuma kana bulchiinsa magaalaa Waankii kanatti guyyaa gabaa magaalattii waan ta’eef namoota karaatti ba’anii hiraarsaa turuun kan himamu yoo ta’u, nama maqaan isaa Guutamaa Kabaa jedhamu nama ilaalcha siyaasa dhaaba kamii hin qabne qabuun hiraarsaa gara mooraa isaaniitti fuudhanii deemuu namootni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version