ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii ijaarsa isaanii cimsatan duula duguuggaa sanyii uummta Oromoo irratti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti taasisaa jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukkanneessaan ajjeefamaa, qabeenyaan isaanii hidhattoota kanaan saamamaa, manneenis irratti gubachuun rakkoo adda addaa argaa jiraachuun ni beekama.
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho’aa jiran kun Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti uummata konkolaataa fi miillaan daandii irra deeman riphanii eeguun ajjeechaa suukkanneessaa fi saamicha hamaa irratti geggeessaa jiraachuu maddeen himan.
Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 28, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kun riphanii bakka addaa Maganxaa Fursee jedhamu taa’uun, dargaggoo Jimaa daldaluun ofii fi maatii isaa jiraachisu Caffaa Roobiit irraa gara Sanbatee osoo deemuu hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun konkolaataa irraa buusuun maallaqaa fi mi’a isaa hunda irraa erga saamaniin booda, qaama isaa hunda saanjaan mummuranii qalanii ajjeesuun reeffa dargaggoo kanaas lafa irra harkisaa oolanii galgala kaleessaa sa’a 2:00’tti lafti dukkanoofnaan daandii gurraacha gubbaa kaa’uun nama dhufee asii fuudhu ittiin jechuun uummatatti dhaadachaa turuus maddeen gamasii ONM’tti himan.
Murni maafi’aa PP yeroo uummanni Oromoo hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin ajjeefamaa jirutti hawaasaaf birmachuun osoo irra jiruu Faannoo osoo hin taane kan biyya qabachuuf jiru waraana bilisummaa Oromooti jechuun, waraana bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessa sochoo’aa jiru irratti duula jabaa taasisuu qabna jechuun marii irra turuu dubbachuun, uummannis gaaffiilee akka maqaaf mootummaa Oromooti ofiin jettu, Faannoo waliin ta’uun duubaan nu ajjeestu, nu saamtuu fi nama nagaa nuuf buusu of fakkeessuun nu fixaa jirtu jedhu kaasuufiin, isin dhaaba uummata Oromoof dhaabbatuu fi mootummaa Oromooti jechuu hin dandeenyu jedhanii yaada isaanii ibsachuun barameera.

