Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa onoota adda addaa keessatti leenjii miliishummaatti dirqamaan namoota guuruu fi maqaa adda addaan maallaqa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Caasaan maafi’aa PP sadarkaa gadii irraa kaasee hanga qaamolee olaanootti hawaasa nagaa maqaa addaa addaan hiraarsuu jabeessee itti fufuun godina Jimmaa aanota akka Qarsaa, Didoo, Geeraa, Gumaa, Limmuu, Saqqaa, Shabee fi kanneen hafan biroo keessatti saamicha jabeessuu fi leenjii gaachana sirnaan dirqiin namoota ukkaamsaa jiraachuus dubbatu.

Mata duree kaffaltii gibiraa, buusii buusaa gonoofaa, inshuraansii fayyaa jechuun tokko tokkoon gandootaa irraa qarshii 500’n dhuunfaatti nama tokko irraa fuudhuun ida’ama walii galaa qarshii 800,000 guuranii jiraachuus himaniiru.

Dabalataanis sangaa 5’n, midhaan kuntaala 80, nyaata barattootaa jechuun midhaan kuntaala 100 akka gandaatti, gatii xaa’oo fi paampii bishaanii jechuun maallaqa fuudhuu fi gandoota irratti kunuunsa loonii jechuun kaffaltii guddaa gaafachaa jiraachuus dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo qonnaan bultoota tokko tokkoon gandootaa irraa namoota 150-200’tti walitti qabuun leenjisaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni deggersa namoota leenji’aa jiraniif dirqamaan qarshii 200 kaffalaa akka jiranis dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version