ONM-ABO Bitootessa 30, 2024
Kaayyoo dabaa fi abaaramaa fudhatanii kan bobba’aa jiran hidhattootni murna bilxiginnaa hawaasa nagaatti bobbaafaman keessatti guyyuu uummata Oromoo irratti gochoota sukkanneessaa raawwachaa oolu.
Bitootessa 26, 2024 Godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa Ganda Markaatoo jedhamu keessatti shamarree Oromoo tokko kan maqaan ishee Amiinaa Ahimad jedhamtu cuubeedhaan qaluun qaama ishee baqaqsanii harma irraa muruun gocha suukaneessaa erga irratti raawwataniin booda ajjeesanii deemuu maddeen keenya ONM’tti himaniiru.
Impaayera Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo har’allee akkuma bara Minilik bara bulchiinsa bilxiginnaa keessas haala sukkanneessaan ajjeefamaa fi shamarran Oromoo har’aa harma muramaa jiru.
Haalli shamarreen kun itti ajjeefamte kan baayee nama gaddisiisuu fi gocha safuu hawaasaa cabse, akkasumas seenaa kaleessa Minilik raawwachaa ture ilmaan isaa irra deebiin raawwachaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uus dabaluun ibsaniiru.

