ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Afaan qawween cafaquu malee afaan nagaan itti dubbatee uummata bulchuu kan hin dandeenye murni garboomfataan Bilxiginnaa guyyaa dhufee darbuun qe’ee isaa keessatti itti dhaquun lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa jira.
9Amajjii 1, 2025 Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamtu keessatti goolessitoonni waraana Bilxiginnaa kun namoota lama kanneen maqaan isaanii Tissee Jiloo Carbuu fi Algaa Warquu Kasanaa jedhaman balleessaa tokko malee hidhaatti gidirsaa erga turaniin booda halkan mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii yoo gatan aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa keessatti ammoo Shamarree maqaan ishee Bisilee Roobee Cekkaa jedhamtu Amajjii 2, 2025 rasaasa lamaan rukutuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

