• Sat. Mar 14th, 2026

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa irraa namoota lama mana hidhaa irraa baasuun akkasumas shamarree tokkos rasaasa itti roobsuun ajjeesan

Jan 5, 2025

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Afaan qawween cafaquu malee afaan nagaan itti dubbatee uummata bulchuu kan hin dandeenye murni garboomfataan Bilxiginnaa guyyaa dhufee darbuun qe’ee isaa keessatti itti dhaquun lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa jira.

9Amajjii 1, 2025 Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamtu keessatti goolessitoonni waraana Bilxiginnaa kun namoota lama kanneen maqaan isaanii Tissee Jiloo Carbuu fi Algaa Warquu Kasanaa jedhaman balleessaa tokko malee hidhaatti gidirsaa erga turaniin booda halkan mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii yoo gatan aanaa  Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa keessatti ammoo Shamarree maqaan ishee Bisilee Roobee Cekkaa jedhamtu Amajjii 2, 2025 rasaasa lamaan rukutuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading