Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo keessatti manneen barnootaa cufamuun saamichis qabeenyaa qonnaan bultootaa irratti raawwatame

ONM-ABO Ebla 5, 2024

Lolli impaayera Itoophiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi humna finxaaleessa Amaaraa Faannootiin geggeefamaa jiru impaayerattii keessatti rakkoo dinagdee fi siyaasaa hamaa fiduun sirni aangoo irra jiru Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun qabeenyaa hawaasaa saamaa manneen barnootaa mooraa godhachuun mancaasaa jira.

Haala kanaanis Oromiyaa bakkeewwan hedduutti manneen barnootaa mooraa waraana sirnichaa ta’uun cufamanii jiru.

Torban darbe keessa Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo bakka addaa Naqa Fardaa jedhamu keessatti hidhattootni sirnichaa mana barumsaa keessa buufata isaanii godhachuun torban tokkoo oliif barattootni akka hin baranne gochaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Waajjira manneen barnootaa caccabsuun kitaaboolee barnootaas cicciranii irra buluu fi qabeenya mana barnoota sana keessatti argamus saamuunis beekame.

Waraanni faashistii kun qabeenyaa hawaasa gandoota aanaa Begii keessaa saamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version