Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa fi Aayira keessatti ajjeechaa fi miidhaa cimaan loltoota sirnichaan namoota irra ga’e

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Gidirfamni uummata Oromoo irratti waraana garboomfataa PP’n raawwatu  yeroo yeroon dabalaa kan jiru yoo ta’u, waraanni sirnichaa sochii uummata nagaatti danqaa uumuuf jecha bakkeewwan hawaasni argamutti hordofuun doorsisaa fi reebicha irratti raawwachuu dabalatee ajjeechaa qorannoo seeraa malee raawwatuun jireenya isaanii gadadoon golgee akka jiru jiraattonni rakkoon irra ga’aa jiru ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

Bu’uuruma kanaan waraanni abbaa irrummaa isaan uummata cunqursaa jiru, godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa keessatti Sadaasa 9, 2024 halkan namoota nagaa maqaa WBO waliin quunnamtii qabdu jedhuun hidhanii turan mana hidhaa baasuun reebicha irratti raawwachuun isaan keessaa hidhamtoota 4 kanneen maqaan isaanii:

1. Boonsaa Maatiyoos,

2. Lalisaa Geetanaa,

3. Lataa Holee, fi

4. Guutuu Yaadataa jedhaman ajjeesuun bakkeetti gatanii jiraachuu odeessi achii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa tokko tokko dubbise jedhanitti, namoota hidhamanii turan, hidhaa keessa harka isaanii duubatti hidhuun uleen dhaananii reebaa Bulchiinsa magaalaa Boondawoo bakka addaa laga Jawwee jedhamutti geessanii ajjeesuu  dabaluun ibsaniiru. 

Ajjeesuu, qabeenyaa saamuu, hidhuu fi qe’ee isaanii ibidda itti shiduun alatti Bilxiginnaan Oromoon baratee akka hin milkoofneef manneen barnootaa irraa ugguruu, mooraa mana barnootaa bakka qubsuma isaanii taasifachuu, barattootaa fi barsiisota irrattis miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun ni beekama.

Akkuma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Hophaa Qashimaandootti barattoota mana barumsaa Jinbilaa keessatti barnoota irra jiran waraanni maafiyaa PP dhukaasa itti bananiin barattoonni 12 daa’imman 3 dabalatee miidhaa jabaan irra ga’uun addeeffameera.

Mooraan manneen barnootaa hedduun yakkoota waraanaan hubamee Oromiyaa keessaa hojiin ala ta’ee kan jiru yoo ta’u, Bilxiginnaan mooricha suphee hojii baruu fi barsiisuu adeemsisuu osoo qabuu dhaloota barnoota malee doofummatti hambisuuf manneen barnootaa buufata waraanaa isaanii taasifachuu fi kanneen biroos ibidda itti shiduun gubaa akka jiranis beekameera.

Exit mobile version