ONM-ABO Muddee 7, 2025
Lixa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa ganda Kuree jedhamuun beekamu keessatti gaafa Muddee 5, 2025 nama nagaa abbaa maatii tokko ajjeessuun, namoota hedduu irrattii reebicha ulfaata rawwaachuu, gariiniis hidhuu fi saamicha qabeenyaa geggeessaa akka turan maddeen onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni gara laafina uummata Oromoof hin qabne Bixiginnaan nama maqaan isaa Hambaa Raggaasa jedhamuu ergaa reebichaan dararaa turanii booda rasaasa itti roobsuun akka ilmoo bineensaatti ajjeesaanii bakkeetti gatuu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.
Kana malees namoota hedduu reebuun miidhaa qaamaa cimaa irratti rawwachuun guuranii mana hidhaatti darbatanii kan jiru yoo ta’u isaan keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Fufaa Baayyuu,
- Malkaamuu Nagarii,
- Boontuu Karrasaa,
- Hawwinee Lammaa,
- Naggasee Mul’ataa,
- Margaa Hambisaa fi
- Annannee Karrasaa
kanneen jedhaman irratti miidhaa jabaan rawwatamuun hidhamanii akka jiran jiraattonni onichaa ibsaniiru.
Dabalataanis nama maqaan isaa Qabbannaa Tafarii jedhamu jalaa loowwan 5 fi harree 1 fudhachuun nama kanas ajjeesuuf barbaadaa akka jiran keessa beektonni ONM’f ifoomsaniiru.
Hawaasni nagaan qe’ee isaa keessatti ajjeechaa fi miidhaa jabaan irratti geggeeffamaa jiru kun hariiroo siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun sarbamiinsi mirga namoomaa irratti rawwatamaa jira.
Murni impaayera Itoophiyaa hawaasa nagaaf naatoo tokkollee hin qabne tiksuuf dhama’u Bilxiginnaan, WBO lolaan injifachuu waan dhadhabeef hawaasa harka qullaatti ol deebi’uun ajjeessuu, saamuu, reebuu, hidhuu fi abiddaan gubanii barbadeessuu irra darbee mancaatii dingagdee fi duguggaa sanyii geggeessaa jiraachuun ni beekama.

