Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti gara jabeeyyii sirnichaan namni nagaan tokko ajjeefame

ONM-ABO Ebla 13, 2024

Duulli ajjeechaa tibba kana geggeefamaa jiru jabaatee itti fufuun namoonni nagaanis gochaa isaanii malee maqaa WBO waliin hariiroo qabduu fi nyaachistuun qe’ee isaanii irratti akka baalaa harca’aa jiru.

Namoota nagaa ajjeesuun rakkoo impaayerattii keessatti adeemaa jiruuf furmaata ni ta’a jedhee itti amanuun uummata akka midhaanitti haamaa kan jiru bilxiginnaan ajjeesuutti dabalatee namoota hedduu yeroo ammaa dinagdee isaanii mancaasuun harka namaa ilaaluuf dirqamsiisee jira.

Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 12, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ayinoo Gammoojjii jedhamu keessatti nama nagaa hojii qonnaan jiraatu kan maqaan isaa Aliyyii Tafarraa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattootni ONM’tti himan.

Nama kana jalqaba erga mana isaatii qabanii booda lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti nu geessi yoo jedhaniin, innis ani lafa isaan jiran hin beeku jedhee wayita deebisuuf, sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu jiraattotni.

Akkasumas aanicha keessatti maqaa WBO deggertuun namoonni hedduun hidhamanii jiraachuu fi qabeenyi isaanii guyyaa guyyaan saamamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version