Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti ajjeechaan namoota shan irratti raawwatamuun manneen qonnaan bultootaas gubate


ONM-ABO Ebla 17, 2024

Tuffiin sirnichi ilmaan Oromoof qabu daangaa kan darbe yoo ta’u, waggoota ja’an kana  namoonni nagaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkamuun qabeenyi isaa saamamuu fi gubachuu hanga ajjeechaatti irratti  raawwatamaa jira.

Bilxiginnaan erga aangoo impaayerittii kanatti dhufee kaasee Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun namoonni nagaan qe’ee isaaniitti rasaasaan waadamuun ajjeefamuu fi qabeenyi inni waggootaaf itti dhama’ee horate harka hidhattoota kanneeniin jalaa gubachuun barbada’aa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 15, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lalistuu Loppii keessatti hidhattootni maqaa sakkatta’a WBO’n gandichatti bobbaafaman lubbuu namoota shanii galafatan.

Namoonni ajjeefaman kunneenis Ibraahim Haajii Abdullaayi, Tolosaa Sirneessaa, Qaddammaa Daassisaa, Yohaannis Ibsaa fi  tokko maqaan hanga gabaasni kun qindaa’etti kan nu hin geenye  ta’uu jiraattotni ibsan.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’an, hidhattootni sirnichaas maqaa WBO waliin hariiroo qabduutiin akka ajjeesan himan.

Aanichuma ganda Xiilloo keessatti obbo Abduljaliil Amadee Waddoo fi Isaaq Maammoo Chakkol jedhaman jalaa mana meeshaalee waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni himan.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an sababa tokko malee maqaa WBO deggertu jedhu itti maxxansuun manneen qonnaan bultoota kanaa gubuun maatii bakkeetti harkaa facaasanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version