Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti hidhattootni koloneel Abiy Ahimad dargaggoo tokko mooraa isaanitti hidhuun dararaa jiru

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Uummanni Oromoo murna bilxiginnaa jalatti erga nagaa dhabee waggoota ja’a kan lakkoofsise yoo ta’u, namoonni hedduunis maatii isaanii biraa qabamuun mana hidhaatti  darbatamanii gariin yoo ajjeefaman gariin ammoo reebichi hamaan irratti raawwatamuun qaama hir’uu ta’aa jiru.

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qabata godhachuun hidhattootni namoota nagaa dararan kunneen lafa socho’an cufatti dararaa dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Begii bakka Taajaa jedhamutti dargaggoo Duulaa Abdurhamaan waraanni sirnichaa dheengaddaa Ebla 14, 2024 mooraa isaaniitti fudhachuun reebichaan dararaa jiraachuu jiraattotni ibsan.

Dargaggoon kun reebicha hamaa irratti taasisaa jiran kanaanis du’aa fi jireenya gidduutti akka argamu himuun yoo barbaadanis moorichaa baasanii ajjeesuu danda’u shakkiin jedhullee akka jiru dubbatan.

Dabalataan aanicha keessatti ajjeechaan irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu fi mana hidhaa irraa baafamuun dargaggoonni hedduun ajjeefamaa akkasumas achi buuteen dhabamuus dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version