Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa ilaachisee murni bilxiginnaa dargaggoota mana hidhaatti funaanaa jiraachuu jiraattotni kutaalee Oromiyaa tokko tokko ONM’tti himan

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Bilxiginnaan lola kallattii hundaan irratti adeemsifamaa jiruun rifaatuu guddaa keessa seenuun namoota nagaa ajjeesuu bira darbee jumlaan hidhaatti guuree dararuu irratti argama.

Oromiyaa iddoowwan hedduutti maqaa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromootiin  namoonni hedduun gochaa isaanii malee mana hidhaa keessatti dararaa hamtuu argaa akka jiran jiraattotni ni dubbatu.

Magaalaa Galaanii fi Furii keessaa qofa Ebla 13, 2024 irraa eegalee murni bilxiginnaa labsii  Lagannaa Gabaa fi uggura Geejjibaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo labse ilaalchisuun  dargaggoota 150 ol magaalota kanneen kana keessaa funaanuun mana hidhaatti naqee dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Akkasumas magaalaa Finfinnee, Buraayyuu fi Sabbataa dabalatee dargaggoonni hedduun mana hidhaatti guuramaa akka jiranii fi isaan keessaa kanneen achi buuteen isaanii dhabame illee hedduu ta’uu ibsan.

Exit mobile version