ONM-ABO Ebla 24, 2024
Guyyoota kurnan darban guyyoota lagannaa gabaa, diddaa uummataa miira xiiqii, gaddaan mul’atuu fi lola gurguddaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii giddu-galeessaan itti gaggeeffame ture.
Akka Zoonii Giddu-galeessaatti aanaalee Lixa Shaggar Jalduu, Meettaa, Cobii, Amboo, Midaa Qanyii, Ammayya fi Ilfataatti lola adeema tureen injifannoo boonsaa galmeessuun holola PPs daaraatti makeera.
Ebla 14 lola aanaa Jalduuu fi Meettaatti taasifameen injifannoo dachaatu argame.
Ebla 14 guyyaa guutuu aanaa Cobii ganda Diggoo fi Bakkee Hoofuutti Lola Birgeediin Aduu Saafa gaggeesseen waraana faashistii PP irra kasaaraa jabaan ga’eera.
Ebla 19 fi 20 Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa bulchiinsa magaala Qotaa fi ganda magaala Gomboreetti Birgeediin Obomboleetti lola gaggeesseen injifannoo argateera. Mooraa Qabsoo Oromoos gabbiseera.
Ebla 21, humni diinaa aanaa Ilfataatii baatee magaalaa aanaa Amboo deemtu ganda Golfofaa hanga magaalaa Ambootti gugsuun kaabinoota aanaa karra cufachiiseera.
Ebla 22, aanaa Ilfataa ganda Shanganneeti halkan daheeffattee aanaa Amboo ganda Dikiitti kan imaltu halkan keessa sa’atii 10n ganda Dikiitti abidda itti qabsiisuun hanga ganama sa’atii 2:00tti waade ture. Lola kanaanis gaaga’ama cimaa waraana koloneel Abiy Ahimediin irraan geessiseera.
Ebla 22 aanaa Miidaa Qanyii ganda Boquu Nissoo bakka addaa Wahiloo fi ganda Goobee Kuraatti lola lalameen madoo fi reeffa konkolaataan guursisee galche.
Walumaa galatti lola adeemsifame kanaan Dishqa 1, PKM 1, AKM 30, fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera. Mooraa Qubsuma diina tokko abiddaan yoo barbadeessu, waraana diina kurnaniin lakkaa’amu booji’ee jira.
Qondaalota waraanaa dabalatee miseensota 100n lakkaa’aman du’aa fi madoon adabuun gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo injifannoo gonfateera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

