Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu keessatti waraanni gabroomsaa PP abbaa maatii sadii ajjeesuun, ganda Wulincoo keessatti ammoo haleellaa diroonii raawwate

ONM-ABO Ebla 27, 2024

Nama ajjeesuun qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu kan itti fakkaatu bilxiginnaan yaada duubatti hafaa fi booddessaa baatee ilmaan Oromoo nagaan jireenya isaanii gageeffatan yakka tokkollee osoo Hin qabaatin dabaa fi cubbuun biyya isaanii irratti mirga lubbuun jiraachuu fi kabaja dhabanii akka namaatti osoo hin ilaalamin seera malee namoonni nagaan ajjeefamuun qe’een Oromoo gaddaa fi boo’icha erga ta’ee bubbulee jira.

Murni Oromiyaa dirree dhiigaa godhe kun Ebla 24, 2024 godina Kaaba Shaggar magaalaa Garba Gurraachaa ganda Jimaatti halkan keessaa naannoo sa’a 2:00’tti utuu gara mana isaatti galaa jiruu humna milishoota PP’n abbaan maatii sadii tokko ajjeefamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namni kun maqaan isaa Obbo Biraanuu Damee Kan jedhamuu fi abbaa ijoollee sadii yoo ta’u nama siyaasa kam keessaayyuu harka hin qabnee fi hawaasa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa kan qaban akka ta’an namoonnii beekan himaniiru.

Oduu biraatiin ammoo haleellaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana isaa irratti raawwataa jiru jala dhaabbachuu kan hin dandeenye murni bilxiginnaa haaloo tarkaanfii loltoota isaa mudate diroonii fayyadamuun hawaasa nagaa qabeenyaa isaa jalaa mancaasaa jira.

Dheengaddaa Ebla 25, 2024 godinuma Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhahee Wullincoo jedhamu keessatti diroonii yeroo lama hawaasa nagaatti darbateen, obbo Shuumii Caalaa jalaa qabeenyaa mana guutuu waliin yoo guban, akkasumas manni maatii isaa illee jalaa gubachuun barbaada’ee jira.

Mana kana keessa jabbiloonni hidhamanii jiran illee akkuma jiranitti yoo gubatan wantootni akka midhaaniis jalaa gubachuun akka barbadaa’ee fi yeroo ammaas bakka bultii, nyaataaa fi uffannaa dhabuun hedduu rakkachuu isaaniis ibsan.

Akka jiraattotni jedhanitti naannoo sanatti WBO waliin walitti dhukaasaa turuu fi loltoota faashistii kana irra miidhaa jabaan qaqqabuu irraan kan ka’e haaloo sana ba’uuf jecha erga lolli goolabameen booda akka dirooniin haleellaa kana raawwatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version