ONM-ABO Ebla 8, 2024
Waggoottan ja’an koloneel Abiy Ahimed gara aangoo irra jiru kanatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa fi yakkawwan qaama impaayerrittii bulchaniin adeemaa jiru Oromiyaa keessatti duguuggaa sanyii uumee jira.
Haaluma kanaanis Oromoonni biyya isaanii Oromiyaa keessa jirraatan humnoota badii sirna abbaa irree bilxiginnaan qabamanii ajjeefamuun jabaachuun, Ebla 6, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Sayyamoo jedhamu keessatti obbo Lammaa Awwaash kan jedhaman waraana faashistii PP’n ajjeefame.
Obbo Lammaan abbaa maatii kan ta’ee fi guyyaa ajjeefame kanas Harree-Gaarii kan jedhamu oofuun gara magaalaa osoo ilma isaa waliin imalaa jiru ganama irraa toora sa’a 3:30’tti ajjeefamuun reeffi isaas akka hin kaane dhorkamutu himama.
Nama hirmaannaa siyaasaa hin qabne kanas kan ajjeesan murni bilxiginnaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhuun akka ta’e kan himan maddeen, ilmi isaa maqaan nu hin geenye tokkos abbaa isaa biraa qabanii hidhanii akka jiranis maddeen dabaluun ibsaniiru.

