Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachootti dargaggoon tokko loltoota murna Bilxiginnaan ajjeefamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo magaalaa Riqatee keessatti murni ajjeesaan dhiiga dhaloota ol-adeemoo soora allaattii taasisee jabdummaan dhaadatu Bilxiginnaan Onkololeessa 31, 2025 dargaggoo tokko rasaasaan rukutanii ajjeesuun barame.

Dargaggeessi kun gochaa keessaa hin qabne hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdaan yakkamee ajjeefame kunis maqaan isaa Dajanee Hundee kan jedhamu oggaa ta’u, ajjeefamuu isaan boodas reeffi isaa kaafamee akka hin awwaalamneef gara-jabeeyyii murna Bilxiginnaan dhorkamuus jiraattonni ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti lolli jabaan godinicha keessatti jajjabeen sabaan adeemsifamaa jiraachuu hordofee loltoonni faashistii PP haalaan dhumaachaa akka jiranis ibsuun, loltoonni sirnichaas haaloo bahannaaf jecha gochaawwan sukkanneessaa fi dhaloota abdii kutachiisa jedhanii amanan raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, akka waliigalaatti sodaa WBO’f jechas uummata nagaatti deebi’anii gatii ulfaataa kaffalchiisaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version