ONM-ABO Fulbaana 8, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddoo ganda Algaa Wasarbiitti Fulbaana 6, 2025 ergamtoota waraana murna Bilxiginnaan qeerroo maqaan isaa Daffisaa Radduu jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti iddoon isaan geessan hin beekamin jiraachuu maddeen jiraattoonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattoonni kunneen jedhanitti, dargaggoo kana malees kanneen qabamanii hin argamin hedduu akka ta’an himuun, sababa kanaan maatii hedduun sababa ilma dhiiraa qabaniif rakkinaa fi dhiphina ulfaataa keessa akka jiran maddeen ibsaniiru.
Uummanni Oromoo gandoota aanaa kanaa keessa jiraatan roorroo waraanni goleessituun murna Bilxiginnaa irratti raawwachaa jiruun gidiraa hammaataa keessa akka jiranis dabaluun ifoomsaniiru.
Oromiyaa keessatti bobbaa waraana eegdota teessuma nama dhuunfaatiin jireenyi ilmaan hiyyeessaa wabii dhabaa kan jiru yommuu ta’u, bakkeewwan danuutti dargaggoota daandii gubbaa adamsaa jiraachuun beekamaa dha.

