Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar ona Iluutti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoo tokko haala suukkaneessaa ta’een fuula uummataa duratti ajjeesuun ibsame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Gara jabeenyi bilxiginnaa fi loltoota isaanii kan qorqalbii hawaasaa tuquu fi jiruu fi jireenya hawaasaa jeeqaa jiru yoo ta’u Oromiyaa keessattis waan takkaa ta’ee hin beekneen namoonni mana murtiitti osoo hin dhihaatin adabbiin du’aa itti murtaa’ee ija hawaasaa duratti ajjeefamaa oolu.

Godina Kibba Lixa Shaggar ona Iluutti waraanni maafiyaa PP yakkoota gara jabinaa hangas hin jedhamne hawaasa irratti raawwataa kan jiru yommuu ta’u, ona Iluu ganda Muloo Sattaayii bakka addaa ‘Gabar’ jedhamutti Waxabajjii 8, 2024 ganama sa’a 2:00 irratti dargaggoo maqaan isaa Kabbadaa Guutaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf fuula uummataa duratti rasaasa itti roobsuun haala suukaneessaa ta’een ajjeesuu himan.

Onichatti uummanni balleessaa tokko malee hidhaa jumlaa, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa akka feeteen dararama hamaa keessa akka jiran yeroo hedduu  hawaasni aanichaa iyyachaa turuun isaanii kan beekamuudha.

Exit mobile version