Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar ona Iluutti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo Oromoo tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Duuli namoota nagaa ajjeesuu loltoota PP’n jabaatee itti fufuun namuu qe’ee isaa irratti sababa tokko malee yakki inni hojjete osoo mana murtiitti dhiyaatee hin ilaalamin battalumatti rasaasa sirnichaan waadamaa oola.

Dargaggoota Oromoo ol adeemoo biyyaaf abdii ta’an meeqa karaatti kutee cabsuun galma hanqisuu kan bare waraanni nama nyaataa impaayera Itoophiyaa Kibba Lixa Shaggar ona Iluutti dargaggoo tokko ajjeesuun ibsameera.

Ganda Kuullee Gafarsaa jedhamu keessatti Waxabajjii 18, 2024 dargaggoo ol adeemaa maqaan isaa Dammaqaa Kumaa jedhamu badii tokko malee ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun balleessaa qabaatee osoo hin taane WBO waliin walitti dhufeenya qabda jechuun qorannoo tokko malee battalumatti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu himuun, dhiittaan mirgoota namoomaa akka aanichaatti adeemaa jiru hedduu hammaachuus jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version