Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti ajjeechaan waraana faashistii PP’n nama tokko irratti raawwate

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Jiraataa aanaa Fantaallee ganda Dirra Sadeen, abbaa ilmaanii kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Hawaas Bulgaa Abbaa Gannoo jedhamu Ebla 12, 2025 loltoonni faashistii PP maqaa ilaalcha WBO qabdaa fi daandii agarsiista jedhuun yakkanii gara jabummaa daangaa darbe irratti raawwachuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuun ibsameera.

Obbo Hawaas kan ajjeefame osoo dalagaa isaa irraa gara qe’eetti galaa jiruu waraana kanaan gaaffii seeraa fi qorannoo tokko malee ajjeefamuun maatiin isaa hiyyummaatti kan hafan ta’uun addeeffameera.

Akka jiraattonni itti dhiheenyaan keessa beekan dubbatanitti Obbo Hawaas Bulgaa nama siyaasa irraa bilisa, jaarsa namoota araarsuun hawaasa biratti jaalala guddaa qabu, nama jireenya maatii isaa geggeeffachuu malee siyaasa keessaa homaa quba hin qabne ta’uu ibsuun, yeroo baay’ee doorsisni isaa fi maatii isaa irrattis shiftoota koloneel Abiy Ahimediin raawwachaa akka tures dabalataan ibsameera.

Exit mobile version